Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Harka Oktoopaas Isa Dinqisiisaa

Harka Oktoopaas Isa Dinqisiisaa

 Injinaroonni Roobootii, meeshaa doktaroonni qaama keessaa bakka dhiphoo taʼetti utuu miidhaa hin geessisin yaalii baqaqsanii hodhuu akka godhan isaan gargaaru kalaqaa jiru. Gama kanaan teknooloojii haaraan kalaqamaa jiru tokko harka oktoopaas isa dadachaʼu qorachuudhaan hojjetamaa jira.

 Mee yaadi: Oktoopaas harka isaa warra diriiranii fi lallaafaa taʼan saddeetiin bakka dhiphoo taʼe keessatti wanta tokko qabuu, toʼachuu fi itti maramuu dandaʼa. Oktoopaas harka isaa isa dadachaʼu kallattii hundumaatti naannessuu qofa utuu hin taʼin, akkuma barbaachisummaa isaatti harka isaa keessaa kutaa barbaade tokko jabeeffachuu dandaʼa.

 Haaluma kana fakkaatuun, qorattoonni, harki roobootii lallaafaa fi dadachaʼaa taʼe, qaama keessaa iddoo dhiphoo taʼetti yaalii baqaqsanii hodhuu gochuuf hedduu akka gargaaru amanu. Meeshaawwan akkasii dhukkubsattoota yaalii baqaqsanii hodhuu wal xaxaa taʼe gochuun isaan barbaachisu yaaluuf gargaaruu dandaʼu.

 Harki oktoopaas inni dadachaʼu yommuu sosochoʼu ilaali

 Harki roobootii akkasii kan hojjetame siʼa taʼu, yaalii baqaqsanii hodhuu gochuuf akkamitti akka hojii irra oolu shaakalli godhamaa jira. Kutaan harka roobootii kanaa miliimeetira 135 dheeratu tokko kutaa qaamaa lallaafaa taʼe utuu miidhaa tokko illee hin geessisin ol fuudhee baachuu kan dandaʼe siʼa taʼu, kutaan harka kanaa inni kaan immoo baqaqsee hodheera. Miseensa garee meeshaa kana kalaqanii kan taʼan Doktar Toomaasoo Raanzaaniin, “Meeshaan kun mala haaraa fi fooyyaʼaa taʼeef jalqaba akka taʼe ni amanna”jechuudhaan dubbataniiru.

Harki roobootii inni lallaafaa fi daddachaʼaa taʼe yaalii baqaqsanii hodhuu irratti baayʼee barbaachisaa dha

 Maal sitti fakkaata? Harki oktoopaas jijjiirama tirannaatiin dhufe moo qaamni isa tolche jira?