Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Haphee Barnaakilootaa

Haphee Barnaakilootaa

 Saayintistoonni waaʼee bineeldotaa qoratan barnaakiloonni dhagaatti, qarqara bishaaniittii fi qaama dooniitti qabachuu akka dandaʼan erga hubatanii yeroo dheeraan darbeera. Hapheen barnaakilootaa haphee nam-tolchee irra baayʼee cimaa akka taʼe dubbatama. Saayintistoonni, barnaakiloonni bakka jiidhaa taʼetti akkamitti akka qabatan ykn maxxanan kan hubatan dhiheenyatti dha.

 Mee yaadi: Qorannoowwan akka argisiisanitti jiisaan barnaakilii daakuu dandaʼu tokko bakka itti qabatu filachuu isaa dura iddoo mijataa taʼe argachuuf yaala. Iddoo itti qabatu sana erga argatee booda wantoota lama qopheessa. Inni jalqabaa wanta dhangalaʼaa akka zayitii jiruu fi bakka inni filate sana irraa bishaan dhabamsiisuu dandaʼu dha. Dhangalaʼaan kun immoo wanta isa lammaffaa pirootiinii foosfoopirootiinsi jedhamu irraa hojjetame bakka sanatti maxxansuuf haala mijeessa.

 Wantoonni lamaan kunis haphee baayʼee cimaa taʼee fi baakteeriyaan illee balleessuu hin dandeenye uumu. Barnaakiliin kun jireenya isaa guutuu bakka kanatti maxxanee waan jiraatuuf hapheen kun cimaa fi yeroo dheeraadhaaf kan turu taʼuun isaa barbaachisaa dha.

Barnaakilootaa fi hapheen barnaakilootaa guddifamee yommuu mulʼatu

 Akkaataan barnaakiloonni haphee itti tolchan isa kanaan dura saayintistoonni yaadan irra baayʼee wal xaxaa dha. Miseensa garee adeemsa kana argatanii keessaa tokko, “Kun wanta lafa irratti bishaan ittisu hojjechuu wajjin haala wal qabateen rakkinoota muudataniif furmaata dinqisiisaa uumamaan jiru dha” jechuudhaan dubbateera. Buʼaan qorannoo kun qorattoonni haphee bishaan keessatti hojii irra ooluu dandaʼu, akkasumas haphee nam-tolchee wantoota uumamaan argaman irraa hojjetamuu fi meeshaalee elektiroonikii fi yaalii fayyaatiif oolu akka hojjetan isaan gargaaruu dandaʼa.

 Maal sitti fakkaata? Hapheen barnaakilootaa jijjiirama tirannaatiin kan argamedhaa? Moo qaamni kana tolche jira?