Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Akkaataa Billaachi Kaabeej Waayit Jedhamu Baallee Isaa Boca Qubee Vtiin Diriirsu

Akkaataa Billaachi Kaabeej Waayit Jedhamu Baallee Isaa Boca Qubee Vtiin Diriirsu

 Billaachi tokko balaliʼuu isaa dura maashaalee isaa hoʼifachuuf ifa aduutti fayyadama. Haa taʼuu malee, yommuu haalli qilleensaa duumessa qabaatutti billaachi kaabeej waayit jedhamu billaachota kanneen biroo dursee balaliʼuuf qophaaʼa. Kana gochuuf wanti isa gargaaru maali dha?

 Mee yaadi: Billaachonni gosa adda addaa baayʼeen balaliʼuu isaanii dura baallee isaanii cufanii ykn dalga diriirsanii aduu hoʼifatu. Haa taʼu malee, billaachi kaabeej waayit jedhamu baallee isaa boca qubee Vtiin diriirsa. Qorannoon akka argisiisutti, billaachi kun hoʼa gaʼaa argachuuf baallee isaa hunda tilmaamaan gara digirii 17 gargar balʼisuu isa barbaachisa. Baallee isaanii haala kanaan balʼisuun isaanii, ifni aduu kallattiidhaan qoma isaanii keessa darbee maashaan balaliʼuuf isaan gargaaru akka hoʼu taasisa.

 Qorattoonni Yunivarsiitii Eksiiteer, Ingilaandi, meeshaalee hoʼa aduu harkisanii humna maddisiisan boca qubee Vtiin hojjechuudhaan meeshaaleen sun caalaatti buʼa qabeessa taʼuu fi dhiisuu isaanii irratti qorannaa godhaniiru. Kana gochuudhaan, humni argamu parsantii 50n akka dabalu taasisaniiru.

 Kana malees, qorattoonni baalleen billaachaa garmalee akka calaqqisu hubataniiru. Qorattoonni billaacha baalleen isaa boca qubee Vtiin diriiruu fi calaqqisu fakkeessuudhaan meeshaa salphaa fi ifa aduu harkisuu irratti caalaatti buʼa qabeessa taʼe oomishaniiru. Kana irraa kaʼuudhaan, garee qorattoota kanaa keessaa tokko kan taʼe Piroofeesar Riichaardi Fireenchi Konistaant billaacha kaabeej waayit “ogeessa ifa aduu irraa humna maddisiisuudhaan milkaaʼe” jechuudhaan waameera.

 Maal sitti fakkaata? Akkaataan billaachi kaabeej waayit baallee isaa boca qubee Vtiin diriirsu jijjiirama tirannaatiin dhufee? Moo qaamni kana tolche jira?