Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Arraba Adurree

Arraba Adurree

 Adurreewwan beelada manaa taʼan of qulqulleessuu isaaniitiin beekamu. Tarii yeroo itti dammaqan harka afur keessaa harka tokko isaa of miidhagsuudhaan dabarsu. Akkaataa dinqisiisaa arrabni isaanii itti hojjetameen kan kaʼe, adurreewwan akka gaariitti of qulqulleessuu irratti dandeettii guddaa qabu.

 Mee yaadi: Arrabni adurree paappilaa 290n kan uwwifame yeroo taʼu, paappilaa kunis akkuma qeensa qubaa jabaa fi waan akka qoraattii qaqalloo gara duubaatti gara galani dha. Tokkoon tokkoo paappilaa immoo yeroo adurreen arraba ishii gara afaan ishii, jechuunis gara duubaatti harkistu dhooqa yeruma sana hancufa fuudhu qaba. Adurreen dabbasaa ishii yommuu arraabdu, paappilaa sun dabbasaa ishii gidduu darbee gogaa ishii irratti hancufa diba.

Paappileen guddifamee yommuu ilaalamu

 Arrabni adurree guyyaa guyyaadhaan gogaa ishii fi dabbasaa ishii irratti hancufa gara miiliiliitra 48 (1.6 oz) taʼu dabarsiti. Hancufni kunis inzaayimoota wantoota summeessan balleessan kan of keessatti qabate dha. Kana malees, hancufni sun yeroo hurku, qaama adurree harka afur keessaa harka tokko qabbaneessa; kunis adurreewwan xannachawwan dafqa maddisiisan muraasa qofa waan qabanii kun baayʼee barbaachisaa dha.

 Paappilaan dabbasaa keessa darbee wanta wal xaxaa taʼe tokko yoo tuqe, dabbasaa wal xaxaa taʼe sana diiguuf humna guddaa qaba. Kana malees paappilaan yeroo adurreen of qulqulleessitutti gogaa ishii dammaqsa. Qorattoonni yeroo filaa rifeensaa haaraa hojjetanitti, akkaataa arrabni adurree itti hojjetame fakkeessanii hojjetaniiru. Filaan rifeensaa buruushii taʼe kun filaa isa kaan irraa haala adda taʼeen, humna xiqqaadhaan rifeensa filuuf kan gargaaruu fi karaa caalaatti salphaa taʼeen kan qulqulleeffamu, akkasumas mataa wal xaxes gargar baasuu kan dandaʼu dha. Qorattoonni arrabni adurree wantoota dabbasaa qabanii fi wantoota salphaatti hin filamne karaa fooyyaʼaa taʼeen qulqulleessuuf wanta isaan gargaaru kalaquuf akka isaan dandeessisu amanu. Kana malees tooftaa qaama rifeensa qabu irratti looshinoota ykn qorichawwan itti dibuun dandaʼamu fooyyessuuf gargaaruu ni dandaʼa jedhanii yaadu.

 Maal sitti fakkaata? Arrabni Adurree jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?