Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Akkaataa Goondaan Kaarpeentar Aanti Jedhamu Anteenaa Isaa Itti Qulqulleessu

Akkaataa Goondaan Kaarpeentar Aanti Jedhamu Anteenaa Isaa Itti Qulqulleessu

 Ilbiisonni balaliʼuuf, waa koruu fi naannoo isaanii hubachuudhaaf qulqulluu taʼuun baayʼee isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, anteenaan isaanii qulqullina yoo hin qabaanne dandeettii kallattii beekuuf, warra kan biraa wajjin walii galuu fi fuunfachuuf qaban hirʼisuu dandaʼa. Kanaaf, Ziyoolojistiin Aleksaander Haakman jedhamu akkana jedheera, “llbiisa xuraaʼaa matumaa hin argattan. Isaan mala ittiin xurii of irraa balleessan qabu.”

 Mee Yaadi: Haakmanii fi warri isa wajjin hojjetan ilbiisni sanyii goondaa kaarpeentar aanti (Kampoonotas rafifemar) jedhamu tooftaa anteenaa isaa qulqulleessuuf itti fayyadamu irratti qorannaa godhaniiru. Qorannoo isaaniitiin goondaan kun miila isaa erga dachaasee booda anteenaa isaa lamaan miila isaa keessa harkisuudhaan xurii xixinnoo hamma garaa garaa qabanii fi anteenaa isaa irra jiran akka qulqulleessu hubataniiru. Rifeensi haphiin miila isaa irra jiru xurii hamma tokko guguddaa taʼan qulqulleessuu ni dandaʼa. Xuriiwwan xixinnoo taʼan immoo rifeensa gobbataa miila isaa irra jiruu fi wal irraa fageenyi isaa furdina rifeensa anteenaa irra jiru wajjin wal qixa taʼeen qulqulleeffamu. Xuriiwwan baayʼee xixinnoo taʼanii fi diyaameetiriin isaanii kan rifeensa namaa wajjin yeroo wal bira qabaman tokko saddeettamaffaa taʼan, rifeensa baayʼee walitti gobbataniin qulqulleeffamu.

 Goondaan kaarpeentar aanti jedhamu yommuu anteenaa isaa qulqulleessu

 Haakmanii fi gareen isaa tooftaan goondaan kun anteenaa isaa qulqulleessuuf itti fayyadamu industirii keessatti fayyaduu akka dandaʼu amanu. Fakkeenyaaf, meeshaaleen elektirooniksii baayʼee xixinnoo taʼanii fi meeshaaleen gartokkeedhaan ibsaa of keessa dabarsan yeroo oomishaman xuriin baayʼee xinnoo taʼe illee meeshaalee sana balleessuu waan dandaʼuuf, tooftaan kun qulqullinni isaanii eegamee akka oomishaman gochuuf ni fayyada.

 Maal sitti fakkaata? Akkaataan goondaan karpeentar aanti jedhamu anteenaa isaa itti qulqulleessu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?