Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Waaʼee Bakka Kunuunsa Daaʼimmanii Wanta Warri Beekuu Qaban

Waaʼee Bakka Kunuunsa Daaʼimmanii Wanta Warri Beekuu Qaban

 Warri tokko tokko hojii waan qabaniif, daaʼima isaanii umuriin isaa barumsaaf hin geenye bakka kunuunsa daaʼimmanii mana barumsaa wajjin wal fakkaatu galchu. Ijoollee keessan bakka kunuunsi godhamuuf kanatti erguun keessan gaarii dhaa?

 Gaaffii gaafachuu qabdan

 Daaʼimni keenya bakka kunuunsa daaʼimmanii galuun isaa walitti dhufeenya nu wajjin qabu irratti dhiibbaa ni qabaataa? Qabaachuu dandaʼa. Daaʼimni tokko umurii isaa waggoota jalqabaatti, sammuun isaa karaa walitti dhufeenya warra kaan wajjin qabu irratti dhiibbaa godhuun saffisaan guddata. Yeroo barbaachisaa jireenya daaʼima keessanii isa gara fuulduraa irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu kanatti, daaʼima keessan wajjin taʼuuf yaalaa.—Keessa Deebii 6:6, 7.

  •    Warri daaʼima isaanii bakka kunuunsaa galchuuf yaadaa jiran, walitti dhufeenyi daaʼima isaanii wajjin qaban akka hin laafne gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe yaaduu qabu.

 Bakka kunuunsaa galuun isaa gaʼee isin qabdan ni laaffisaa laata? Laaffisuu dandaʼa. Kitaabni Hold On to Your Kids jedhamu, “Daaʼimman bakka kunuunsaa galan yeroo baayʼee hammuma waliin dabarsan, dhiibbaan hiriyoonni isaanii isaan irraan gaʼanis hammasuma dabalaa deema” jedha.

  •    Warri daaʼima isaanii bakka kunuunsa daaʼimmanii galchuuf yaadaa jiran, ‘Sana boodas jireenya daaʼima kiyyaa keessatti gaʼee guddaa qabaachuu koo itti fufuu nan dandaʼaa?’ jedhanii of gaafachuu qabu.

 Bakki kunuunsa daaʼimmanii kun, daaʼimni keessan umuriin isaa barumsaaf yeroo gaʼutti gama barumsaatiin faayidaa isaaf argamsiisu qabaa? Tokko tokko akkas jedhu. Warri kaan immoo, bakki kunuunsa daaʼimmanii dandeettii ijoolleen waa barachuuf qaban irratti gaʼeen qabu xinnoo akka taʼe ykn gaʼee tokko illee akka hin qabne dubbatu. Ilaalchi sirriin isa kam iyyuu yoo taʼe, ogeettiin xiinsammuu daaʼimmanii Panalooppii Liich jedhamtu akkana jechuudhaan barreessiteetti: “Jireenya milkaaʼaa jiraachuuf ‘barumsi’ dirqama barbaachisaa akka taʼe, akkasumas daaʼimni tokko dursee barumsa yoo jalqabe yeroo hunda gaarii akka taʼu amanuuf hin yaalinaa. Akkas isinitti dhagaʼama taanaan, ‘barumsi’ isin daaʼima keessaniif yeroo dhalatee kaasee kennaa turtan baayʼee akka isa fayyadu isinitti hin dhagaʼamu.”

  •   Warri daaʼima isaanii bakka kunuunsaatti galchuuf yaadaa jiran, kana gochuun isaanii faayidaa kan qabu ykn barbaachisaa taʼuu fi dhiisuu isaa irratti yaaduu qabu.

 Isinii fi hiriyaa gaaʼelaa keessan keessaa tokkoon keessan daaʼima keessan wajjin mana ooluu ni dandeessuu laata? Yeroo tokko tokko, haatis abbaanis hojii kan hojjetan jireenya qananii jiraachuuf qofa dha. Garuu kanaaf jecha aarsaan akkasii kaffalamuu qabaa?

  •   Warri daaʼimman isaanii bakka kunuunsaa galchuuf yaadaa jiran, haadha ykn abbaa keessaa namni tokko mana akka oolu gochuuf baasii isaanii hirʼisuu kan dandaʼan taʼuu fi dhiisuu isaanii irratti mariʼachuu qabu.

 Daaʼima keessan bakka kunuunsaatti erguuf murteessuu keessan dura, faayidaa fi miidhaa isaa madaaluu qabdu. Erga kana gootanii booda, bakka kunuunsi godhamuufitti isaan erguuf yoo murteessitan hoo?

 Maal gochuu dandeessu?

 Kitaabni Qulqulluun, ‘namni hubataan lafa dhaqu akka ilaallatu’ dubbata. (Fakkeenya 14:15) Dhugaa buʼuuraa kana sammuutti qabachuudhaan, qaama daaʼimman kunuunsu kam iyyuu filachuu keessan dura sirriitti irratti yaadaa.

 Filannoowwan qabdan beekaa

  •   Warri tokko tokko, mana jireenyaa tarii kunuunsituu tokko ykn muraasa qofa qabuu fi daaʼimman muraasni itti kunuunfaman filatu taʼa.

  •   Warri kaan immoo, fira isaan bira jiraatee daaʼima isaanii kunuunsu ykn guddistuu daaʼimaa qabu.

 Filannaan kam iyyuu faayidaas miidhaas qaba. Warra daaʼima isaanii bakka kunuunsaatti galchan yaada akka isiniif kennan gaafachuu dandeessu. Kitaabni Qulqulluu, “Ogummaan  . . . warra gorsa fudhatan bira jira” jedha.—Fakkeenya 13:10.

 Bakka kunuunsa daaʼimmaniitti galchuuf yoo filattan . . .

 Waaʼee bakka kunuunsichaa qoradhaa

  •   Heyyama kan qabu ykn kan galmaaʼe taʼuudhaan, waan seerri gaafatu guuteeraa? Ragaa ykn maqaa akkamii qaba?

  •   Bakki kunuunsichaa qulqulluu fi miidhaa kan hin geessisne dhaa?

  •   Sochiiwwan daaʼimmaniif qophaaʼan akkamiitu jira? a

 Waaʼee namoota kunuunsa kennanii qoradhaa

  •   Leenjii akkamii argataniiru? Kun, leenjii ijoollee barsiisuudhaan, yaalii fayyaa jalqabaatiin, akkasumas leenjii yeroo namni hafuura baafachuu dadhabu gargaaruuf argatanis ni dabalata.

  •   Namoota daaʼima keessaniif kunuunsa godhan ilaalchisee, yakka raawwachuu wajjin haala wal qabateen seenaa sana dura qaban dursitanii qorachuu ni dandeessuu?

  •   Hojjettoonni dafanii dafanii jijjiiramuu? Akkas yoo taʼe, daaʼimni keessan kunuunsitoota haaraa wajjin wal baraatuma jiraata jechuu dha.

  •   Dhaabbaticha keessatti, kunuunsituun tokko daaʼima meeqa kunuunsa? Namni tokko daaʼima baayʼee kan kunuunsu yoo taʼe, daaʼimni keessan xiyyeeffannaa isa barbaachisu utuu hin argatin hafuu dandaʼa. Dhugaa dha, daaʼima keessaniif xiyyeeffannaa hammamiitu barbaachisa inni jedhu umurii fi dandeettii isaa irratti kan hundaaʼe dha.

  •   Kunuunsitoonni, wanta isin yaaddessu ykn isaan yaaddessu irratti isin wajjin haasaʼuuf fedhii qabuu?

a Fakkeenyaaf, daaʼimman saʼaatii dheeraadhaaf televijiinii akka ilaalan godhama moo, dhaabbatichi sochiiwwan barumsa kennanii fi sochii qaamaatiif taʼan qaba?