Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?

Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?

 Mucaan keessan hojii malee mana keessa taaʼee “Wanti hundi na nuffisiiseera!” jedha. Televizyinii akka ilaalu ykn geemii jaallatu akka taphatu itti himuu keessan dura, wantoonni irratti yaaduu qabdan armaan gaditti ibsamaniiru:

Ijoollee nuffan ilaalchisee warri tokko tokko maal hubataniiru?

  •   Baayʼinnii fi gosti bashannanaa rakkinichi akka itti caalu gochuu dandaʼa. Abbaan Roobarti jedhamu akkana jedheera: “Ijoollee tokko tokkoof jireenyi guyyaa guyyaa televizyinii ilaaluu ykn geemii taphachuu wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu nuffisiisaa fakkaata. Sochiiwwan baramoo taʼan illee gammachiisaa akka taʼan isaanitti hin dhagaʼamu.”

     Haati manaa isaa Baarbaaraanis kana irratti walii galti. Akkana jetteetti: “Jireenyi guyyaa guyyaa yaaduu fi carraaqqii gochuu gaafata; buʼaan isaas dafee hin mulʼatu. Kun immoo ijoollee televizyinii ilaaluudhaan ykn geemii taphachuudhaan yeroo dheeraa dabarsaniif nuffisiisaa dha.”

  •   Weebsaayitii hawaasaa irratti saʼaatii dheeraa dabarsuun waaʼee ofii isaanii miirri gaariin akka isaanitti hin dhagaʼamne godha. Mucaan tokko sochiiwwan hiriyoota isaa ilaaluun isaa jireenyi isaa nuffisiisaa akka taʼe akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Shamarreen Beetii jedhamtu, “‘Namoonni hundi bashannanaa jiru, ani garuu mana taaʼeen jira’ jedhanii yaaduun salphaa dha” jetteetti.

     Kana malees, namni tokko weebsaayitii hawaasaa irratti saʼaatii dheeraa yoo dabarse gammachuu isa dhabsiisuu fi akkuma nuffetti akka itti fufu isa gochuu dandaʼa. Dargaggeessi Kiriis jedhamu akkana jedheera: “Hojiidhaan akka qabamtan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa, garuu dhuma irratti wanta argisiistan hin qabdan.”

  •   Nuffiin carraa gaarii taʼuu dandaʼa. Haati Kaatriin jedhamtu akkana jetteetti: “Nuffiin ijoolleen dandeettii kalaqaa isaanii akka guddifatan carraa isaaniif banuu dandaʼa.” Fakkeenyaaf, akkana jetteetti: “Mucaan tokko kaartoonii keessa taaʼee saanduqa, konkolaataa, doonii ykn mankuraakurii keessa akka jiru godhee yaaduu dandaʼa. Birdilibsii minjaala irra kaaʼuudhaan dunkaana hojjechuu dandaʼa.”

     Ogeettiin xiinsammuu Sheerii Taakil jedhaman, “Nuffiin carraa dandeettii kalaqaa itti guddifatani dha” kan jedhan kanaa fi. a Kanaafuu, nuffiin yeroo hunda gadhee dha jechuu miti. Kitaabni Disconnected jedhamu, “Yommuu wanta ulfaatu tokko kaastan maashaaleen keessan ni cimu. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu nuffitanii fi dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtan dandeettiin kalaqaa keessan caalaatti dabala” jechuudhaan dubbateera.

 Yaada Ijoo: Ijoolleen keessan nuffuun isaanii akka rakkinaatti utuu hin taʼin carraa dandeettii kalaqaa isaanii akka guddifatan isaan gargaaru akka taʼetti ilaalaa.

Ijoolleen keessan yommuu nuffanitti maal gochuu dandeessu?

  •   Haalli isaa kan isiniif heyyamu yoo taʼe, ijoolleen keessan ala baʼanii akka taphatan isaaniif heyyamaa. Baarbaaraan ishiin olitti caqasamtee turte akkana jetteetti: “Kan nama dinqisiisu, aduu fi qilleensi gaariin nuffii balleessuu dandaʼa. Ijoolleen keenya alatti taphachuu yommuu jalqabanitti, caalaatti dandeettii yaaduu isaanitti fayyadamuu eegalu!”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba, kolfuun yeroo qaba, burraaquunis yeroo qaba.’—Lallaba 3:1, 4, miiljalee.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Ijoolleen koo yeroo baayʼee ala baʼanii akka taphatan carraa akkamiin isaanii kennuun dandaʼa? Alatti baʼanii taphachuu hin dandaʼan yoo taʼe, wantoonni mana keessatti raawwachuu dandaʼan kan biroon jiruu?

  •   Ijoolleen keessan waaʼee warra kaanii akka yaadan gargaaraa. Haati Liliiyaan jedhamtu akkan jetteetti: “Marga mooraa michoota maanguddoota keessan taʼanii keessa jiran haamuu ykn qeʼee isaanii qulqulleessuu ykn nyaata isaaniif bilcheessuu fi nagaa isaan gaafachuuf mana isaanii dhaquu dandeessu. Warra kaan gargaaruun gammachuu dhugaa argamsiisa.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni arjaan ni badhaadha, namni warra kaan dheebuu baasu hundis ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.”—Fakkeenya 11:25.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Ijoolleen keessan warra kaaniif waa gochuudhaan gammachuu argachuu akka dandaʼan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

  •   Fakkeenya isaaniif taʼaa. Akkaataan isin waaʼee sochii guyyaa guyyaa keessanii itti dubbattan ijoollee keessan irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Haati Saaraa jedhamtu akkana jetteetti: “Jireenyi keenya nuffisiisaa akka taʼe haala argisiisuun yoo dubbanne, ijoolleen keenya akka nuffan barsiisaa jirra jechuu dha. Garuu wantoota gaarii taʼan irratti yoo xiyyeeffanne, ijoolleen keenya akkasuma akka godhan gargaarra.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni garaa gammade qabu . . . yeroo hunda affeerraa irra jira.”—Fakkeenya 15:15.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Waaʼee sochii guyyaa guyyaa koo ijoollee kootti kanan dubbadhu akkamitti? Yeroon nuffutti wantin raawwadhu ijoollee kootti maaltu akka dhagaʼamu godha?

 Gorsa gaarii: Ijoolleen keessan wantoota tokko tokko kalaquu irratti yaada akka kennan isaan gargaaraa. Haati Aliisan jedhamtu, “Saanduqa miseensi maatii hundi yaada qabu barreessee keessa kaaʼu qabna” jetteetti.

a Kitaaba Reclaiming Conversation jedhamu irraa kan fudhatame.