Dhimma ijoo ta'etti seeni

Saanduqni ykn Taabonni Kakuu Maali Dha?

Saanduqni ykn Taabonni Kakuu Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Taabonni kakuu saanduqa qulqulluu Israaʼeloonni durii ajajaa fi diizaayinii Waaqayyo kenneen tolchani dha. ‘Dhuga-baatuun’ inni Ajajawwan Kurnan dhagoota lama irratti barreeffaman qabate sun achi keessa kaaʼama ture.—Baʼuu 25:8-10, 16; 31:18.

  •   Akkaataa itti tolfame. Taabonni kakuu kun dheerinni isaa dhundhuma 2.5, balʼinni isaa dhundhuma 1.5, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 1.5 ture (seentiimeetira 111 x 67 x 67 ; iinchii 44 x 26 x 26 ). Taabotichi muka laaftoo irraa kan tolfame yeroo taʼu, keessi isaa fi alli isaa warqiidhaan uwwifama, qarqarri isaas ni miidhagfama ture. Qadaadni isaa warqii irraa kan tolfame yeroo taʼu, kiruubelonni warqii irraa tolfaman lamas garanaa fi garasiin fiixee isaa irra ni kaaʼamu turan. Kiruubelonni kunis gara walakkaa qadaadichaatti walitti garagalanii kan jiran yeroo taʼu, qoochoowwan isaanii immoo ol diriiranii qadaadicha uwwisu turan. Taabonni kakuu miila isaatii olitti amartii afur qaba. Taabota kakuu sana baachuudhaaf akka oolutti, mukti laaftoo warqiidhaan uwwifame amartiiwwan sana gidduu loofama ture.—Baʼuu 25:10-21; 37:6-9.

  •   Bakka kaaʼamu. Jalqaba irratti Taabonni kakuu godoo qulqulluu keessa kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe keessa kaaʼama ture; godoo qulqulluun kunis wanta yeroo Taabonni kakuu kun tolfametti tolfamee fi iddoodhaa gara iddootti geeffamu ture. Luboonnii fi sabichi iddoo kana akka hin ilaalletti kutaan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe ni golgama ture. (Baʼuu 40:3, 21) Waggaa waggaadhaan Guyyaa Araaraatti gara kutaa kanaa seenee Taabota kakuu kana ilaaluu kan dandaʼu luba ol aanaa qofa dha. (Lewwoota 16:2; Ibroota 9:7) Yeroo booda, Taabonni kakuu kun gara kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼee fi mana qulqullummaa Solomoon ijaare keessatti argamutti geeffame.—1 Mootota 6:14, 19.

  •   Kaayyoo isaa. Taabonni kakuu miʼawwan qulqulluu Israaʼeloonni kakuu ykn walii galtee Waaqayyo Gaara Siinaa irratti isaanii wajjin gale isaan yaadachiisu qabateera. Ayyaana Guyyaa Araaraatti kabajamu irrattis shoora guddaa qaba ture.—Lewwoota 16:3, 13-17.

  •   Qabiyyee. Dhagoonni Ajajawwan Kurnan irratti barreeffaman wantoota jalqaba Taabota kakuu sana keessa kaaʼamani dha. (Baʼuu 40:20) Okkoteen warqii mannaa qabatee fi ‘uleen Aroon inni late’ yeroo booda achi keessa kaaʼamaniiru. (Ibroota 9:4; Baʼuu 16:33, 34; Lakkoobsa 17:10) Yeroo Taabonni kakuu sun gara mana qulqullummaatti geeffametti wantoonni kun achi keessa waan hin turreef, haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti okkoteen kunii fi uleen kun yeroo taʼe tokkotti achi keessaa baafamaniiru.—1 Mootota 8:9.

  •   Akkaataa itti baatamu. Taabota kakuu kana danqaraa muka laaftoo keessa loosanii gateettii isaaniitti kan baatan Lewwoota turan. (Lakkoobsa 7:9; 1 Seenaa 15:15) Lewwoonni kun matumaa Taabota kakuu sana akka hin tuqneef, danqaraawwan kun yeroo hunda achuma keessa taaʼuu qabu turan. (Baʼuu 25:12-16) Taabonni kakuu kun yeroo baatamutti ‘golgaan’ Iddoo Qulqulluu fi Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe gargar baasu itti haguugama ture.—Lakkoobsa 4:5, 6. a

  •   Maal argisiisa? Taabonni kakuu Waaqayyo bakka sanatti argamuu isaa argisiisa. Fakkeenyaaf, duumessi kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe keessattii fi bakka Israaʼeloonni buufatanitti mulʼatu Yihowaan achitti argamuu isaa fi eebba isaa kan argisiisu dha. (Lewwoota 16:2; Lakkoobsa 10:33-36) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, ‘teessoon isaa kiruubelota irra akka taʼe’ ibsa; kana jechuun kiruubelota qadaada Taabota kakuu irra jiran lamaanii ol jechuu dha. (1 Saamuʼel 4:4; Faarfannaa 80:1) Kanaafuu, kiruubelonni kun ‘akeeka konkolaataa’ Yihowaa argisiisu jechuu dha. (1 Seenaa 28:18) Daawit Mootichi Taabonni kakuu sun maal akka argisiisu waan beekuuf, Taabotichi gara Xiyoonitti erga geeffamee booda Yihowaan ‘Xiyoon irra teessoo isaa akka dhaabbate’ barreesseera.—Faarfannaa 9:11.

  •   Maqaawwan. Kitaabni Qulqulluun maqaawwan “saanduqa dhuga-baatuu,” “saanduqa kakuu,” “saanduqa kakuu Waaqayyoo” fi ‘saanduqa kakuu aangoo [Yihowaa] mulʼisu’ jedhan dabalatee, maqaawwan Taabonni qulqulluun kun ittiin waamamu hedduu ibsa.—Lakkoobsa 7:89; Iyaasuu 3:6, 13; 2 Seenaa 6:41.

     Qadaadni Taabotichaa, ‘qadaada araaraa’ ykn ‘teessoo araaraas’ jedhamee waamama ture. (1 Seenaa 28:11) Jechi kun qadaadni kun Guyyaa Araaraatti yommuu lubni ol aanaan Israaʼel dhiiga horiiwwan aarsaa taʼanii gara qadaadichaattii fi qadaadicha duratti facaasutti faayidaa addaa inni qabu argisiisa. Wanti lubni ol aanaan kun godhu, cubbuu, “ofii isaatii fi maatii isaatiif, guutummaa waldaa Israa’eliifis araara” argamsiisa.”—Lewwoota 16:14-17.

Taabonni kakuu yeroo ammaatti jiraa?

 Yeroo ammaatti jiraachuu isaa ragaan argisiisu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun kakuun Taabota kanaa wajjin wal qabate, “kakuu haaraa” isa aarsaa Yesuus irratti hundaaʼeen waan bakka buufameef, Taabonni kun akka hin barbaachisne argisiisa. (Ermiyaas 31:31-33; Ibroota 8:13; 12:24) Kanaan kan kaʼes Kitaabni Qulqulluun yeroo itti taabonni kakuu hafuu fi sabni Waaqayyoos taabota kana hin barbaanne akka dhufu raajii dubbateera.—Ermiyaas 3:16.

 Kakuun inni haaraan erga hundeeffamee booda mulʼata Yohaannis ergamaan arge tokko keessatti taabonni kakuu samii keessatti mulʼateera. (Mulʼata 11:15, 19) Taabonni fakkeenyaan ibsame kun argama Waaqayyoo fi kakuu haaraa taʼe kana akka eebbisu argisiisa.

Taabonni sun humna addaa qaba turee?

 Hin qabu. Taabota kakuu qabaachuun ofii isaatti milkaaʼina kan argamsiisu hin turre. Fakkeenyaaf Israaʼeloonni yommuu magaalaa Aayi wajjin wal waraananitti Taabotichi buufata isaanii keessa jira ture; haa taʼu malee, namni Israaʼel tokko amanamaa utuu hin taʼin hafuu isaatiin kan kaʼe moʼamaniiru. (Iyaasuu 7:1-6) Booda immoo taaboticha gara dirree waraanaatti fuudhanii kan deeman taʼus Filisxeemonni isaan injifataniiru. Israaʼeloonni moʼamuu kan dandaʼan hammina luboonni Hofnii fi Fiinehaas jedhaman raawwataniin kan kaʼe dha. (1 Saamuʼel 2:12; 4:1-11) Filisxeemonni dirree waraanaa sana irratti Taaboticha kan boojiʼan taʼus, hamma taaboticha gara Israaʼelitti deebisanitti dhaʼichaan isaan rukuteera.—1 Saamuʼel 5:11–6:5.

Seenaa taabota kakuu

Bara (Dh.K.D.)

Taʼee

1513

Bazaaliʼelii fi gargaartonni isaa miʼawwan Israaʼeloonni buusii godhanitti fayyadamanii tolchan.—Baʼuu 25:1, 2; 37:1.

1512

Museen godoo qulqulluu fi lubootaa wajjin eebbise.—Baʼuu 40:1-3, 9, 20, 21.

1512—1070 booda

Bakka adda addaatti geeffame.—Iyaasuu 18:1; Abboota Firdii 20:26, 27; 1 Saamuʼel 1:24; 3:3; 6:11-14; 7:1, 2.

1070 booda

Daawit Mootichi gara Yerusaalemitti fide.—2 Saamuʼel 6:12.

1026

Gara mana qulqullummaa Solomoon isa Yerusaalem keessatti argamutti geeffame.—1 Mootota 8:1, 6.

642

Yosiyaas Mootichi gara mana qulqullummaatti isa deebise.—2 Seenaa 35:3. b

607 dura

Taabotichi mana qulqullummaa keessaa waan baafame fakkaata. Yommuu manni qulqullummaa Dh.K.B. bara 607⁠tti balleeffametti ykn miʼawwan sun yeroo booda gara Yerusaalemitti yommuu deebifamanitti miʼawwan gara Baabilonitti geeffamanii fi lakkaaʼaman sanaa wajjin hin caqasamne.—2 Mootota 25:13-17; Izraa 1:7-11.

63

Jeneraalli Roomaa Poompeey jedhamu Yerusaalemiin weeraree kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe yeroo sakattaʼetti taaboticha akka dhabe dubbateera. c

a Israaʼeloonni seera Waaqayyoo akkaataa Taabonni kakuu itti baatamuu fi uwwifamu ilaalchisee baʼeef yommuu ajajamuu didanitti adabni guddaan isaan irra gaʼa ture.—1 Saamuʼel 6:19; 2 Saamuʼel 6:2-7.

b Kitaabni Qulqulluun taabotichi yoom, maaliif ykn eenyuun akka balleeffame hin dubbatu.

c Kitaaba 5⁠ffaa The Histories jedhamuu fi Taasiitasiin qophaaʼe keeyyata 9 ilaali.