Dhimma ijoo ta'etti seeni

Animeeshinii Gabatee Adii

Viidiyoowwan bifa animeeshiniitiin qophaaʼan kunneen barumsawwan barbaachisoo taʼan karaa nama bashannansiisuun ibsu!

 

Qaxalee Taʼi—Qulqullina Kee Eeggadhu

Qulqullina kee eeggachuu fi miʼoota kee iddoo iddoo qabsiisuun siifis taʼe namoota kaaniif gaariidha. Fayya buleessa taʼuu fi dhiphina hirʼisuuf si gargaara.

Jibbi Halaalaa Maalidha?

Jibbi halaalaa hanga harʼaatti namoota hedduu faaleera. Kitaaba Qulqulluutti fayyadamiitii keessa keetti hidda akka gad hin fageeffanne mirkaneeffadhu.

Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Yeroo booda si fayyaduu akka dandaʼuuf, ammumaa kaasii qarshii kee seeraan qabadhu!

Tamboo Xuuxuudhaan Of hin Gubin

Namoonni hedduun tamboo ykn sijaaraa elektiroonikii kan xuuxan taʼus, namoonni xuuxuu isaanii dhaaban jiru; tokko tokko immoo xuuxuu dhaabuuf carraaqqii cimaa gochaa jiru. Maaliif? Dhuguma tamboo xuuxuun miidhaa guddaa qabaa?

Viidiyoo Geemii: Moʼaa Jirta moo Moʼamaa Jirta?

Viidiyoo geemiin nama bashannansiisuu dandaʼa; garuu immoo miidhaa tokko tokkos qaba. Balaa qabu irraa of eeguu fi dhugumaan moʼuuf maal gochuu dandeessa?

Gaddi Kee Gammachuutti Jijjiiramuu Dandaʼa

Miirri gaddaa yoo si toʼate maal gochuu dandeessa?

Waaʼee Taphawwan Ispoortii Maal Beekuu Qabda?

Ispoortiin dandeettii waltaʼiinsaa fi walii galteedhaan hojjechuu akka horattu si gargaara. Garuu,taphawwan Ispoortiin jireenya kee keessatti wanta hunda caalaa iddoon kennamuuf taʼuu qabuu?

Dhugaatii Alkoolii Dhuguu Kee Dura Itti Yaadi

Namoonni baayʼeen dhiibbaa dhugaatii alkooliitiin kan kaʼe wanta booda itti gabban dubbatu ykn godhu. Miidhaa dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun geessisu irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti??

Warra Koo Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yeroo dubbachuu hin barbaannetti illee warra kee haasofsiisuu kan dandeessu akkamitti?

Meeshaaleen Elektirooniksii Jireenya Kee Toʼachaa Jiruu?

Addunyaa meeshaalee elektirooniksiitiin guutame keessa jiraattus, akka si hin toʼanne gochuu dandeessa. Meeshaaleen elektirooniksii akka araada sitti taʼan beekuu kan dandeessu akkamitti? Akka si hin toʼanne gochuu kan dandeessu hoo akkamitti?

Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Akka nama guddaatti ilaalamuun qaba” jettee kan yaaddu taʼus, warri kee kana irratti walii hin galan taʼa. Akka sitti amanamaniif maalfaa gochuu dandeessa?

Hamii Irraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Haasaan keessan gara hamii nama miidhutti jijjiiramaa yoo deeme, dafii tarkaanfii fudhadhu!

Jaalala Dhugaati moo Sinsinnii Dha?

Jaalalli dhugaa fi jaalalli sinsinnii maal akka taʼe baradhu.

Dhiibbaa Hiriyaa Damdamadhaa!

Tarkaanfiiwwan salphaa murtoo mataa kee gochuuf si gargaaran afur.

Weeb Saayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu

Yeroo hiriyoota kee wajjin onlaayinii haasoftu of eeggannoo qabaadhu.

Michuu Dhugaa kan Jedhamu Nama Akkamii Ti?

Nama michuu dhugaa hin taane argachuun salphaa dha; garuu michuu dhugaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

Aboottee Utuu hin Fayyadamin Abbaa Humnaa Moʼi

Ijoolleen abbaa humnaa maaliif miidhaa akka geessisanii fi isaa moʼuu irratti milkaaʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.