Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Iyyaasuu 1:9—“Cimi, Ija Jabaadhu”

Iyyaasuu 1:9—“Cimi, Ija Jabaadhu”

 “Ani onnadhu, cimis jedhee si hin ajajnee? Bakka dhaqxu hundumaatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin naʼin yookiin hin sodaatin.”—Iyyaasuu 1:9, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Ani Waaqayyo gooftaan kee, ‘Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin naʼinis!’ jedhee si hin abboomnee ree?”—Iyyaasuu 1:9, Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997.

Hiika Iyyaasuu 1:9

 Yihowaan a jechoota kanatti fayyadamee, Iyyaasuu inni tajaajilaa isaa amanamaa taʼe haalawwan baayʼee rakkisoo taʼan isa mudachaa kan jiranii fi gufuuwwan humna isaatii ol kan taʼan fakkaatan isa dura jiraatanis ‘onnataa fi cimaa’ taʼuu akka dandaʼu isaaf mirkaneesseera. Iyyaasuun Yihowaan milkaaʼina akka argatu isa gargaaruuf akkuma isaa wajjin jirutti lakkaaʼamuu waan dandaʼuu, ajaja Waaqayyo isaaf kenneef yoo ajajame sababii itti wanta gara fuulduraatti dhufu sodaatu hin qabu. Waaqayyo qajeelfama isaaf kennuu fi diinota isaa irratti injifannoo akka argatu isa gargaaruudhaan Iyyaasuu wajjin akka ture argisiiseera.

 Maarree Iyyaasuun ‘onnataa fi cimaa’ taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Kitaabota Qulqulluu geggeessa hafuura Yihowaatiin barreeffamanii fi yeroo sanatti turan dubbisuudhaan, onnataa fi cimaa taʼuu dandaʼeera. Kunis ‘guutummaa Seerichaa isa Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Iyyaasuu ajaje hundumaa’ kan dabalatu ture. b (Iyyaasuu 1:7) Yihowaan Iyyaasuun ‘halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee seericha akka dubbisu’ ykn ‘waaʼee isaa akka yaadu’ [Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997] isa ajajee ture. (Iyyaasuu 1:8) Iyyaasuun haala kanaan Seericha dubbisuun isaa fi irratti xiinxaluun isaa, fedhii Waaqayyoo raawwachuuf kutannoo akka qabaatu isa gargaareera. Achiis Iyyaasuun ‘wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan eeguuf,’ wanta Dubbii Waaqayyoo irraa baratee wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuun isa barbaachisa ture. Akkas yoo godhe tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe fudhachuu fi milkaaʼina argachuu dandaʼa. Wanti taʼes kanuma ture. Haalli rakkisaan isa mudatus, Iyyaasuun tajaajilaa Yihowaa amanamaa taʼuudhaan jireenya gammachiisaa fi milkaaʼina qabu jiraateera.—Iyyaasuu 23:14; 24:15.

 Jechoonni Yihowaan Iyyaasuutti dubbate yeroo harʼaattis jajjabina nuuf kennu. Jechoonni kun keessumaa haalli rakkisaan yommuu isaan mudatutti, Yihowaan tajaajiltoota isaa hundaaf hangam akka isaaniif yaadu kan argisiisani dha. Yihowaan tajaajiltoonni isaa akkuma Iyyaasuu milkaaʼina akka argatan barbaada! Isaanis akkuma Iyyaasuu Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe yeroo hunda dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan, akkasumas qajeelfama isaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuudhaan ‘onnatoo fi cimoo’ taʼuu dandaʼu.

Yaada naannoo Iyyaasuu 1:9⁠tti argamu

 Erga Museen duʼee booda, Yihowaan Iyyaasuun saba Israaʼel akka geggeessu isa ajajee ture. (Iyyaasuu 1:1, 2) Yeroo kanatti, biyya Kanaʼaan ishii Biyyattii Abdachiifamte taatetti galuuf qophii irra turan. Haa taʼu malee, diinota humna guddaa qaban loluu qabu turan. Fakkeenyaaf, Iyyaasuun Kanaʼaanota gar malee hamoo taʼan irratti waraana banuu qaba ture. c (Keessa Deebii 9:5; 20:17, 18) Kana malees, Kanaʼaanonni Israaʼelota caalaa lakkoobsaan hedduu kan taʼanii fi meeshaa waraanaa akka gaariitti kan hidhatan turan. (Iyyaasuu 9:1, 2; 17:18) Haa taʼu malee, Iyyaasuun ija jabinaan qajeelfama Yihowaa hordofeera. Israaʼelonni waggaa jaʼa qofa keessatti diinota isaanii hedduu injifachuu waan dandaʼaniif Waaqayyo isaa wajjin akka ture mirkaneesseera.—Iyyaasuu 21:43, 44.

a Afaan Ibrootaatiin maqaan Waaqayyoo kan barreeffamu qubee Afaan Ibrootaa arfan יהוה (YHWH) Teetiraagiraamaatan jedhamaniin siʼa taʼu, maqaan kun Afaan Ingiliffaatiin “Jehovah” [Afaan Oromootiin Yihowaa] jedhama. Maqaan kun Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo Bara 1997 maxxanfame irratti “Waaqayyo” jedhameera. Waaʼee Yihowaa fi hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko maqaa kanatti utuu hin fayyadamin kan hafan maaliif akka taʼe ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu dubbisi.

b Kitaabonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffamanii fi bara Iyyaasuutti turan, akkasumas yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu keessatti argachuu dandeenyu, kitaabota Museen barreesse shanan (jechuunis Uumama, Baʼuu, Leewwota, Lakkoofsaa fi Keessa Deebii), kitaaba Iyyoobii fi faarfannaa tokko ykn lama kan dabalatan taʼuu hin oolan.

c Waraanni akkasii maaliif barbaachisaa akka ture ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, mata duree “Waaqayyo Kanaʼaanotarratti Waraana Kan Labse Maaliifi?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa 2010 irra jiru dubbisi.