Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”

Hojii Ergamootaa 1:8—“Humna ni Argattu”

 “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.”—Hojii Ergamootaa 1:8, Hiika Addunyaa Haa.

 “Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu.”—Hojii Ergamootaa 1:8, Hiika Bara 1997.

Hiika Hojii Ergamootaa 1:8

 Yesuus duuka buutonni isaa hanga andaara lafaatti tajaajiluuf humna akka argataniif Waaqayyo hafuura qulqulluu akka isaaniif kennu waadaa galeera.

 “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu.” Yesuus waadaa duuka buutonni isaa gargaarsa hafuura Waaqayyoo a akka argatan kanaan dura dubbatee ture samiitti erga deebiʼee boodas dubbateera. (Yohaannis 14:16, 26) Yesuus gara samiitti deebiʼee guyyaa kudhan booda, Dh.K.B. bara 33​tti duuka buutonni isaa hafuura qulqulluu argataniiru. (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Hafuurri Waaqayyoo afaan gara garaa dubbachuu fi dinqiiwwan raawwachuu qofa utuu hin taʼin, dandeettii amantii Yesuus irratti qaban ija jabinaan dubbachuuf isaan dandeessisu akka argatan gargaareera.—Hojii Ergamootaa 3:1-8; 4:33; 6:8-10; 14:3, 8-10.

 “Dhugaa baatota koo ni taatu.” Jechi “dhugaa baatuu” jedhu “dhugaa dubbachuu” jechuunis waaʼee wanta tokkoo waan argan dhugaasaa dubbachuu jedhamee hiikamuu dandaʼa. Wantoota yeroo tajaajila Yesuus raawwataman akkasumas duʼuu fi duʼaa kaʼuu isaa ilaalchisee ergamoonni isaa isa ijaan argan dhugaa ba‵uu dandaʼu. (Hojii Ergamootaa 2:32; 3:15; 5:32; 10:39) Dhugaan hin haalamne isaan dubbatan namoonni hedduun Kiristoos Masiihicha abdachiifame akka taʼe akka amanaman isaan amansiiseera. (Hojii Ergamootaa 2:32-36, 41) Warri wanta ergamoonni dubbatan fudhatan dhugaa baatuu Yesuus taʼaniiru; achiis waaʼee jireenya, duʼa akkasumas duʼaa kaʼuu Yesuus lallabaniiru.—Hojii Ergamootaa 17:2, 3; 18:5.

 “Hanga andaara lafaatti.” Jechi kun “hamma dhuma lafaatti” ykn “hanga biyyoota kaaniitti” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Jechoonni Yesuus kun balʼina duuka buutonni isaa waaʼeesaa dhugaa baʼan argisiisa. Samaariyaa fi Yihudaadhaa ala deemanii waaʼee amantii isaanii lallabuu qabu turan. Naannoo tajaajilaa hedduu waliin gaʼuu fi baayʼina namootaa Yesuus lallabeef caalanitti himuu qabu turan. (Maatewos 28:19; Yohaannis 14:12) Yesuus jechoota kana dubbatee waggaa 30 utuu hin guutin, Phaawulos ergamaan misiraachoon waaʼee Yesuus dubbatu bakkawwan fagoo kanneen akka Roomaa, Phaarxeenaa (kibba lixaa Galaana Kaaspiyaan) fi Afriikaa Kaabbaatti “uumama samiidhaa gad jiru hundatti lallabame” jechuudhaan barreesseera.—Qolosaayis 1:23; Hojii Ergamootaa 2:5, 9-11.

Yaada naannoo Hojii Ergamootaa 1:8 tti argamu

 Kitaabni Hojii Ergamootaa Wangeela Luqaasitti aansee kan jiru dha. (Luqaas 24:44-49; Hojii Ergamootaa 1:4, 5) Luqaas inni kitaaba kana barreesse seenaa kana Yesuus duuka buutota isaatti akkamitti akka mulʼate ibsuudhaan jalqaba. (Hojii Ergamootaa 1:1-3) Achiis gumiin Kiristiyaanaa akkamitti akka hundeeffamee fi Dh.K.B baroota 33 hanga 61 gidduu jiranitti akkamitti akka guddate ibsa.—Hojii Ergamootaa 11:26.

 Yaanni naannoo Hojii Ergamootaa 1:8​tti argamu akka argisiisutti duuka buutonni Yesuus Mootiin Mootummaa Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu yeroo isaan jiranitti taʼuuf dhiisuun isaa gaaffii isaanitti taʼee ture. (Hojii Ergamootaa 1:6) Yesuus garuu waaʼee hundeeffamuu Mootummichaa garmalee yaaddaʼuu akka hin qabne isaanitti dubbate. (Hojii Ergamootaa 1:7) Kanaa mannaa, barattoonni Yesuus “hanga andaara lafaatti” waaʼee isaa lallabuu irratti xiyyeeffachuu qabu turan. (Hojii Ergamootaa 1:8) Kiristiyaanonni yeroo harʼaas fakkeenya kana hordofuudhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabuu qabu.—Maatewos 24:14.

 Viidiyoo kitaaba Hojii Ergamootaa gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Hafuurri Waaqayyoo humna isaa isa hojii irra jirudha. (Uumama 1:2) Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Hafuurri Qulqulluun Maalidha?” jedhu dubbisi.