Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Maqaa Qabaa?

Waaqayyo Maqaa Qabaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namoonni hundi maqaa dhuunfaa qabu. Maarree Waaqayyos maqaa dhuunfaa qaba jedhanii yaaduun sirrii mitii? Namoonni michummaa uumuuf maqaa dhuunfaa qabaachuu fi itti fayyadamuun isaan barbaachisa. Michummaa Waaqayyo wajjin qabnu waliin haala wal qabateen hoo haalli isaa kana irraa adda taʼuu qabaa?

 Kitaaba Qulqulluu keessatti Waaqayyo, “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana” jedheera. (Isaayaas 42:8, NW) Waaqayyo maqaawwan ulfinaa hedduu kan akka, “Waaqayyo Isa hundumaa dandaʼu,” “Gooftaa Ol Aanaa” fi “Uumaa” jedhaman kan qabu taʼus, waaqeffattoonni isaa maqaa dhuunfaa isaatiin akka isa waaman affeeruudhaan isaan kabajeera.—Uumama 17:1; Hojii Ergamootaa 4:24; 1 Pheexiros 4:19.

 Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun Baʼuu 6:3 irratti maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa qabataniiru. Caqasichi akka Hiika Addunyaa Haaraatti akkana jedha: “Ani Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobitti Waaqa Hundumaa Dandaʼu taʼee mulʼachaan ture; haa taʼu malee, maqaa koo isa Yihowaa jedhamu guutummaatti isaaniif hin ibsine.”

 Yihowaan maqaa Waaqayyo waggoota hedduudhaaf ittiin waamamaa ture dha. Hayyoonni hedduun maqaa “Yaahwee” jedhuun waamuu kan filatan taʼus, maqaan, Yihowaa (Ingiliffaan Jehovah) jedhu balʼinaan beekama. Kutaan Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa kan barreeffame Afaan Ingiliffaatiin utuu hin taʼin, Afaan Ibrootaa isa mirgaa gara bitaatti dubbifamuun ture. Afaan kanaan maqaan Waaqayyoo qubee dubbifamaa afuriin (יהוה) argama. Qubeen Afaan Ibrootaa arfan YHWH jedhaman kun Teetraagiraamatan jedhamanii beekamu.