Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboloota Yuurii Kolotiniskii, Mikaʼeel Reshiyetinekoov fi Anaatoliyaa Saarichiyeev

BITOOTESSA 27, 2024 | ODUU HAAREFFAME: CAAMSAA 13, 2024
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Amanannaa Qabaachuu, Qophaaʼuu fi Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

ODUU HAAREFFAME—OBBOLOOTA KEENYATTI NI MURTAAʼE | Amanannaa Qabaachuu, Qophaaʼuu fi Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

Caamsaa 13, 2024, Naannoo Altaayitti Manni Murtii Godinaa Baarnaawul dhiheenyatti obboloota keenya Yuurii Kolotiniskii, Mikaʼeel Reshiyetinekoov fi Anaatoliyaa Saarichiyeev yakkamtoota akka taʼan isaanitti murteesse. Tokkoon tokkoon isaanii irratti hidhaan daangaa waggaa lamaa fi jiʼa sadii isaanitti murteeffameera.

Ibsa Gabaabaa

Obboloota kanneen akka armaan olii bara keenyatti argamanii fi amantii akkasumas Yihowaa irratti amanannaa qabaachuudhaan fakkeenya taʼan ni galateeffanna. Yihowaan waan isaan jaallatuu fi waan isaan hin irraanfanneef isaan gargaaruu isaa akka itti fufu amanannaa qabna.—Faarfannaa 25:10.

Chaartii Yeroo

  1. Caamsaa 25, 2021

    Himanni yakkaa Mikaʼeel irratti baname

  2. Caamsaa 27, 2021

    Manni Mikaʼeel ni sakattaʼame. Innii fi Antooneenaan ni qorataman. Mikaʼeel imaluu akka hin dandeenye dhorkaan irratti taasifame

  3. Onkoloolessa 6, 2022

    Himanni yakkaa Anaatoliyaa fi Yuurii himata Mikaʼeel irratti dabalame

  4. Onkoloolessa 7, 2022

    Anaatoliyaa fi Yuriin imaluu akka hin dandeenye dhorkaan isaan irratti taasifame

  5. Amajjii 19, 2023

    Himanni yakkaa ni baname