Dhimma ijoo ta'etti seeni

Viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu—

Barumsawwan viidiyoo gaggabaaboodhaan dhihaatan kun gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluu barbaachisoo taʼaniif deebii kennu. Viidiyoowwan kana keessaa tokko tokko: Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi? Namoonni Duʼan Haala Akkamii Keessatti Argamu? Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? Kan jedhanii dha.

Hawaan Uumamaan Argamee?

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa dubbatu dogoggoraan hubatama ykn sheekkoo akka taʼetti ilaalama. Wanti Kitaabni Qulqulluun jedhu amansiisaa dhaa?

Waaqayyo Dhuguma Jiraa?

Waaqayyootti amanuun sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe ragaalee argisiisan qoradhu.

Waaqayyo Maqaa Qabaa?

Waaqayyo, Abbaa, Uumaa, Gooftaa kan jedhan dabalatee maqaawwan ulfinaa baayʼee qaba. Maqaa Waaqayyoo garuu Macaafa Qulqulluu keessatti siʼa 7,000 ol hojii irra ooleera.

Michuu Waaqayyoo Taʼuun ni Dandaʼamaa?

Jaarraa hedduudhaaf namoonni Uumaa isaanii beekuun akka isaan barbaachisu isaanitti dhagaʼamaa tureera. Kitaabni Qulqulluun michuu Waaqayyoo taʼuuf nu gargaara. Michummaan akkasii maqaa Waaqayyoo beekuurraa jalqaba.

Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha?

Namootatu barreesse erga taʼee Dubbii Waaqayyoo jedhamuun isaa sirrii dhaa? Kitaabni Qulqulluun yaada eenyuu kan qabate dha?

Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Dhaa?

Kitaaba Qulqulluu kan barreessise Waaqa yoo taʼe kitaaba kaan irraa adda taʼuu qaba.

Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi?

Addunyaan kun wantoota babbareedoo taʼaniin gutamte. Lafti aduu irraa iddoo fageenya sirrii taʼe irratti argamti, iddoo sirrii taʼetti jalʼatteetti, akkasumas saffisni ittiin naannoftu kan sirreeffame dha. Waaqayyo lafa kana akkas bareechee kan uume maaliifi?

Kaayyoon Jireenyaa Maalidha?

Jireenya kaayyoo qabuu fi gammachiisaa taʼe jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

Namoonni Duʼan Haala Akkamii Keessatti Argamu?

Kitaabni Qulqulluun yeroo namoonni hedduun akkuma Alaazaar duʼaa itti kaafaman akka jiru dubbachuudhaan abdii nuu kenna.

Siʼool Dhuguma Bakka Namoonni Itti Gubatani Dhaa?

Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala” waan taʼeef, dogoggora kanaan dura raawwataniif matumaa namoota akka hin dhiphisne dubbata.

Yesuus Kiristoos Waaqayyo Dhaa?

Yesuus Kiristoos Waaqa Hundumaa Dandaʼuu wajjin tokko dhaa? Moo qaamota of dandaʼanii fi garaa gara taʼani dha?

Yesuus kan Duʼe Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun duuti Yesuus baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbata. Duuti isaa kaayyoo qaba turee?

Mootummaan Waaqayyoo Maali dha?

Yesuus tajaajila isaa yeroo raawwachaa turetti mata druee kam iyyuu caalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiiseera. Duuka buutonni isaas Mootummaan kun akka dhufu waggoota hedduudhaaf kadhachaa turaniiru.

Mootummaan Waaqayyoo Bara 1914tti Bulchuu Jalqabe

Abjuun raajii qabatee fi Waaqayyo waggaa 2,600 ol dura mootii tokkotti argisiise yeroo ammaatti raawwatamaa jira.

Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera

Haalawwanii fi amaloonni bara 1914 kaasee mulʼachaa jiran raajii Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” ilaalchisee dubbate raawwatamaa akka jiru argisiisa.

Balaawwan Uumamaa Waaqayyotu Geessisaa?

Namoonni balaan uumamaa irra gaʼe lama wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan ibsaniiru.

Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi?

Namoonni baayʼeen, addunyaan kun jibbaa fi rakkinaan kan guutamte maaliif akka taʼe gaafatu. Kitaabni Qulqulluun garuu deebii quubsaa fi nama jajjabeessuu kenna.

Waaqayyo Waaqeffannaa Gosa Hundaa ni Fudhataa?

Namoonni hedduun amantiin kee maal iyyuu yoo taʼe jijjiirama hin fidu jedhanii amanu.

Waaqeffannaadhaaf Fakkiiwwanitti Fayyadamuun Waaqayyo Duratti Fudhatama Qabaa?

Waaqa ija keenyaan arguu hin dandeenyetti dhihaachuuf nu gargaaruu?

Waaqayyo Kadhannaa Hunda ni Dhagaʼaa?

Namni tokko ofittummaadhaan kakaʼee yoo kadhate ni dhagaʼaa? Namni tokko manatti haadha manaa isaa miidhaa, eebba Waaqayyoo argachuuf yoo kadhate hoo?

Waaqayyo Gaaʼelaaf Ilaalcha Akkamii Qaba?

Waaqayyo gaaʼelli keessan milkaaʼina kan qabu akka taʼu barbaada. Gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun kennu hiriyoota gaaʼelaa hedduu gargaareera.

Waaqayyo Poornoogiraafii Akka Cubbuutti Ilaalaa?

Jechi “poornoogiraafii” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessa jiraa? Ilaalcha Waaqayyo poornoogiraafiidhaaf qabu akkamitti beekuu dandeenya?